Fana: At a Speed of Life!

Ruwaandaatti shakkamaan namoota 14 ajjeesee awwaalun shakkame yakka isaa amane

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) –Ruwaandatti shakkamaan namoota 14 ajjeesuun kutaa nyaata qopheessu keessa awwaalun shakkame yakka isaa amanuu ibsameera.

Shakkamaan umrii waggaa 34 Deenis Kaazunguu jedhamu Dubartoota 12 fi dhiira lama ajjeesee awwaaluun yakkaan shakkamee har’a dhaddachattti dhiyaachuun yakkicha raawwachuu amaneera.

Namichi mana kireeffate keessaa akka bahu yeroo taasifamu nama lollaan booda poolisiin shakkee yoo qoratu reeffa namoota awwaalamanii arge.

Namichi yakka jabaan shakkame kuni dhimmoota itti himatame yeroo dubbifamuuf qalbiifi tasgabbiin caqasaa ture.

Yakkicha dalaguu yoo gaafatamu dalaguus amane.

Badii kana raawwateefis yoo ibsu namoonni du’an ‘’beekaa Eedsiin isa qabsiisuu’’ hime. Ragaa dhiheesse garuu hin qabu.

Haalli fayyaa sammuu isaa sirriitti hin beekamu. Dhimmi isaa miidiyaatti akka hin baane mana murtii gaafatuus, manni murtii hin fudhanne.

Akka qorattoonni Ruwaandaa jedhanitti, nami kuni gara caalu kanneen saal-qunnamtiin of jiraachisan manatti waamaa ture.

Reebee achii haala suukaneessaan ajjeesee boolla kutaa nyaata qopheessan keessatti qotametti awwaale jedhan.

Dhimmi isaa mana murtiin ilaalaa jiraachuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.