Fana: At a Speed of Life!

Ruwaandaan busaa ittisuuf xiyyaara nama maleessan qoricha biifaa jirti

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Ruwaandaan iddoolee bookeen busaa itti wal horan irratti xiyyaara nama maleessan keemikaala farra busaa biifuu eegalte.

Xiyyaaronni nama maleessi/dirooniiwwan/ kunneen keemikaala farra ilbiisotaa liitira 10 qabachuu akka danda’an itti gaafatamaan Giddugala Baayoomeedikaalii Ruwaandaa ibsaniiru.

Hojiilee ittisa dhibee busaa hojjetamaa jiru xiyyaaronni kunneen caalmaatti milkeessuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Hojiin keemikaala biifuu amma gaggeeffamaa jiru kun bookeewwan busaa madda isaanii irraa gogsuuf akka ta’e itti gaafatamichi dubbataniiru.

Akka ragaan giddugala baayoomeedikaalii Ruwaandaa ibsutti bara Faranjootaa 2018 fi 2019 keessa qofa lammiileen Ruwaandaa miiliyoonni 2.9 dhibee busaatin qabamaniiru.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.