Fana: At a Speed of Life!

Ruwaandaan Afrikaanota hundaaf eeyyama imala viisaa maleessaa ifoomsite

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Ruwaandaan Afrikaanonni viisaa malee biyya ishee akka galaan eeyyamuu beeksisetti.

Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen imalaa viisaa maleessaa wayita ifoomsanitti, qabeenyaa kuufamaa kan qabduu fi buufata tuuriizimii kan taate Afrikaan %60 tuuristoota alaarratti kan hirkattee ta’uu ragaan Koomishinii Diinagdee Afrikaa kan argisiisuu ta’uu eeran.

Kaagaameen Yaa’ii Idl Addunyaa Mana Maree Tuuriizimii fi Imala Addunyaa 23ffaarratti lammiin Afrikaa kamuu yeroo barbaadetti gara ruwaandaa xiyyaaraan galuu akka danda’uu fi kaffaltii kamuu kan hinkaffalle ta’u ibsaniiru.

Gabaa sadarkaa ardii ofii keenyaa dagachuu hinqabnu kan jedha pireezidaantichi, “Waggoottan kurnaan dhufan dandeettiin giddugaleessaa keenya saffisaan guddachuu yoo itti fufe Afrikaanonni carraa egeree tuuriizimii idil addunyaa ni qabaatu” jedhan.

Haaluma kanaan Ruwaandaan daangeffama imalaa Afrikaanotaa kaasuun biyyaa Afrikaa afuraffaa akka taatuu himuu The Independent gabaaseera.

Gaambiyaa, Beeniinii fi Siisheelsii biyyoota imala viisaa maleessaa eeyyaman ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.