Fana: At a Speed of Life!

Ruuzii lafa hektaara miiliyoona 1 irratti faca’eef kunuunsi barbaachisu taasiifamaa jira – BQO

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) – Ruuzii lafa hektaara miiliyoona 1 irratti faca’eef kunuunsi barbaachisu taasiifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa Ruuzii biyya alaatti galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf karoora lafa hektaara miiliyoona 1 misoomsuuf karoorfate % 100 ol raawwachuu ibseera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu Karoora qabame kana milkeesuuf Qonnaan bultoota, Horsiisee bultoota, Hojjettoota misoomaa, ogeeyyii Qonnaa, gaggeessitootaa fi qooda-fudhattoonni gahee qaban galateeffataniiru.

Ruuzii misoomee kanaaf kunuunsa barbaachisu itti fufiinsaan taasisuun karoora imala badhaadhinaa qabame milkeessuuf hordoffiifi deeggersi taasifamaa jiru cimee akka itti fufuuf dhaamuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.