Fana: At a Speed of Life!

Roozimariin oomisha al-ergii ta’uurra darbee lafa Asiidummaan miidhame dandamachiisa – BQO

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC) – Roozimariin oomisha al-ergii ta’uun sharafa alaa argamsiisuurra darbee lafa Asiidummaan miidhame kan dandamachiisu ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Jilli Itti aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Oomisha Roozimarii Magaalaa Shaggar Aanaa Galaanitti misoomaa jiru daawwateera.

Biirichi Roozimaarii gabaa biyya keessaafi alaaf baay’inaa fi qulqullinaan dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Roozimariin haala qilleensaa Baddaas ta’e Gammoojjiitti misoomuu kan danda’u ta’uus eereera.

Bara kana hojii misooma Roozimariif xiyyeeffannoo addaa kennuun sanyii isaa baay’inaan dhiheessuuf buufataalee biqiltuu keessatti qophaa’aa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.