Roonaaldoon filannoo Pireezidaantummaa Biraaziil keessaa of baase
Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Taphataan Kubbaa Miilaa duraanii Biraaziilii fi Riyaal Maadriid Roonaaldoo Liwiis Naazaariiyoo Diiliimaan filannoo Pireezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Biraaziil keessaa of baasuu ifoomseera.
Taphataa beekamaan umrii ganna 48 Roonaaldoon filannoo Pireezidaantummaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Biraaziil keessatti Pireezidaantii federeeshinichaa ta’uuf kaadhimamuun ni yaatama.
Yaa ta’uutii naannoolee biyyattiirraa deeggarsa gahaa dhabuu hordofee filannicha keessaa of baasuu beeksiseera.
Federeeshinoota Naannolee biyyattiin qabdu 27 keessaa 23 na dubbisuufiyyuu fedhii hin qaban jechuun dubbateera.
Abbaan baaloondorii fi waancaa addunyaa yeroo 2 kan injifate Roonaaldoon Kubbaa Miilaa biyyattii jijjiiruuf Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Biraaziil ta’uu barbaadus osoo hin milkaa’in hafeera.
Kana hordofee Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Biraaziil yeroo ammaa Eednaaldoo Roodiriigeez filannoo bara dhufu gaggeeffamuuf qofaa isaa kaadhimamaa ta’aan eegama.
Abeel Niwaayitu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa