Roobootoonni lubbuu qaban hojjetaman – Qorannoo
Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Addunyaa kana irratti yeroo jalqabaaf Roobootoonni lubbuu qaban hojjetamuu isaanii qorannoon ifoome.
Saayintistoonni Ameerikaa Roobootoota lubbuu qabanii fi ofiin of suphuu danda’an seelii Raachaa irraa hojjechuu dubbataniiru.
Roobootoonni kunneen Seelii hundee Raacha Afrikaa ‘Zeenoopis Leeniis’ jedhaman irraa kan hojjetaman yoo ta’an, ‘Zeenoobootis’ jechuun moggaafamaniiru.
Baayy’ee hammaan xiqqaa waan ta’aniif haala barbaadaniin qaama namaa keessa socho’uu danda’u jedhameera.
Roobootoonni kunneen tarkaanfachuu fi daakuu akka danda’anii fi nyaata malee torbee hedduuf jiraachuu kan danda’an ta’uu ibsameera.
Mashinoonni kunneen gareen kan hojjetan akka ta’ee fi guutumaan guutuutti lubbuu qabeeyyii haaraa ta’uu isaanii Yuunvarsiitiin Veermoont beeksiseera.
Hundeewwan seelii kanneenii adda ba’anii kan hinbeekkamnee fi gara seelii gosa birootti jijjiirramuu ni danda’u jedhameera.
Bocni uummama kanneenii boca uummamaa keessatti argamanii kan hin beekkamne ta’uu Yuunvarsiitiin Veermoont ibsa laateen beeksiseera.
Maashinoonni kunneen waan addaa kan ta’an argannoo haaraa ta’uu Yuunvarsiitii Veermooniitti qorannicha gaggeessaa kan turan Jooshawaa Boongaard dubbataniiru.
Roobootoonni kunneen roobootiiwwan kanaan duraa irraa adda ta’uu fi sanyii bineensootaa waliin kan wal hin geenye ta’uu ibsaniiru.
Lubbuu kan qabanii fi saganteeffamuu kan danda’an lubbu qabeeyyii haaraa uummamaniidha jedhan qorattoonni.
Roobootii duraa waliin kan wal hin fakkaanne boca maleeyyii xixiqqoo foon socho’aa fakkatan ta’uu qorattoonni kunneen ibsaniiru.
Maashinoota baayooloojikaalaa waan ta’aniif naannoo fi fayyaa namaaf mijatoo ta’uu isaanii qorannichi ifoomsee jira.
Faayidaalee hedduu kennuu akka danda’anis ibsameera.
Xurii Reediiyoo aktiiviin uummaman ni qulqulleessuu, galaanoota keessaa pilaastikoota xixiqqaa walitti qabu, qaama namaa keessa qoricha ni geejjibu, akkasumas ujummoo dhiigaa keessa imaluun dhiiga ragga’e ni qulqulleessu jedhameera.
Naannoo qorraa jiraachuu waan danda’aniif qaama namaa keessatti qoricha dhiyeessuuf filatamoo ta’uu isaanii ibsameera.
Maddi:- University of Vermont