Fana: At a Speed of Life!

Roobootoonni Dhaabbata Amaazoon keessatti bobba’an hojjettootarraan dhiibaa ga’an jiru

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) –Roobootoonni Dhaabbata Amaazoon keessatti bobba’an hojjettootarraan dhiibaa ga’an jiru jedhame.

Roobootonni mana kuusaa meeshaalee Dhaabbata Amaazoon keessaatti bobba’anii jiran  hojjettotarratti miidhaa qaqqabsiisuu qorannoon tokko ifoomse.

Giddugalli Za Senteraal Invastigeetiivi jedhamu waggoota arfan darbaan keessa mana kuusaa meeshaalee 150 sakkata’uun qorannoo isaa kan ademsise.

Qorannichi manneen kuusaa roobootii hin qabne dorgoomsiisee dhabbileen roobootii qaban 50% hojjetoorratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu ibseera.

Giddugalichi dhabbatichi miidhaa qaqqabe dhoksuuf carraqeera jechuun yakkeera.

Dhaabbatichi gama isaan miidhaan qaqqabe jedhame kun akka miidhaa hin ilaallu jedheera.

Amaazoon roobootootaan mana kuusaa keessatti hojii kan eegale waggaa saddeet dura.

Akka hojjettoonni dhaabbaticha himanitti roobootonni erga dhufanii booddee bakkee hojjetootaa sa’aatii dheeraa dhaabbachuu, hojiiwwan dadhabsiisoo fi nuffisiisaa ta’an daddabalaa jira.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.