Fana: At a Speed of Life!

Roobni waqtii malee roobaa jiru itti fufuu waan danda’uuf qonnaan bultoonni ariitiin oomisha sassaabuu qabu–BQO

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)-Roobni waqtii malee roobaa jiru itti fufuu waan danda’uuf qonnaan bultoonni ariitiin oomisha sassaabuu akka qaban Biiroon Qonnaa Oromiyaa hubachiise.

Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa miidiyaaleef kennaniin, qonna Arfaasaa darbeetiin lafa hektaara miiliyoona 1.2 sanyiin uwwisuun oomishni kuntaala miiliyoona 25 sassaabamuu ibsan.

Qonnaa Gannaatiinis, lafaa hektaara miiliyoona 9.4 sanyiin uwwifamuun himanii, oomisha kuntaala miiliyoona 260 ol walitti qabuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Hojiileen inisheetiiviiwwan Qamadii, Garbuu, Ruuzii, Boloqqee, Atara Boonsituu, Damma, Muduraa fi Kuduraas haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiin, sababa jijjiirama qilleensaan roobni waqtii malee roobaa jiru oomisha Gannaa ga’ee sassaabuurratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsanii roobni kunis itti fufuu waan danda’uuf qonnaan bultoonni ariitiin oomisha sassaabuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dassaalanyi Abarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.