Fana: At a Speed of Life!

Roobni gannaa baatii Caamsaa walakkaa eegalee kutaalee Ityoophiyaa tokko tokkotti dhiibaa qaqqabsiisuu danda’a jedhame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Roobni gannaa baatii Caamsaa walakkaa eegalee kutaalee Ityoophiyaa tokko tokkotti dhiibaa qaqqabsiisuu akka danda’u Ejansiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa beeksiise.
Roobni gannaa Baatii Caamsaa walakkaa eegalee jabaachuun iddoolee tokko tokkotti miidhaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf of eeggannoon taasiifamuu akka qabu Daayreektarri Qunnamtii Ummataa Ejansichaa obbo Ahimaddiin Abduulkariim hubachiisan.
Naannoo Oromiyaa godinaalee Wallaggaa, Jimmaa, Iluu Abbaabooraa, Godinaalee naannoo Beenishaanguul Guumuuz, Naannoo Amaaraa Godina Kaabaa fi Kibba Walloo, Lixa Goojjam, Naannoo Kibbaa fi Godinaalee naannoo Sidaamaatti Roobni Idilee fi Idilee ol ta’e jiraachuu akka danda’u ragaan kan muul’isu ta’uu himaniiru.
Iddoolee tokko tokkotti sigigaachuun lafaa, balaan lolaa, bishaan ciisuun ooyruu mancaasuu akka danda’u sodaa qaban eeraniiru.
Akka DhPI gabaaseetti hammi Roobaa naannoo Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaatti waan dabaaluuf Bishaan argamutti sirnaan fayyadamuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.