Rooba Arfaasaa roobaa jiru faayidaarra oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Rooba Arfaasaa bakkeewwan tokko tokkotti roobaa jiru faayidaarra oolchuun barbaachisaa ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa hubachiise.
Bakkeewwan tokko tokkotti rooba cimaa roobaa jiruun balaan lolaa tasaa uumamuu waan danda’uuf hojiin of eeggannoo hojjetamuu akka qabu yaadachiiseera.
Keessattuu magaalotaatti balaan lolaa akka hin muddanneef bo’iiwwan lolaa qulqulleesssuu fi sirreessuun barbaachisa ta’uu ibsameera.
Roobni kun yeroo gabaabaa keessatti dhaabbachuu waan danda’uuf faayidaarra oolchuun murteessaa ta’uu ibsameera.
Bishaan rooba kanarraa argamu dhugaatii beelladootaa fi misooma margaaf oolchuuf haalaan qabamuu akka qabu yaadachiiseera.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.