Fana: At a Speed of Life!

Riqichi Alwuhaa garee shororkeessaa ABUTiin diigamee ture hojiin suphaa isaa xumuramuun tajaajilaaf baname

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Riqichi Alwuhaa garee shororkeessaa ABUTiin diigamee ture hojiin suphaa isaa xumuramuun guyyaa har’aa tajaajilaaf banamuu ibsameera.

Hojiin suphaa riqichichaa guyyoota 7 keessatti xumuramuu injinar Yohaannis Ayyaaleewu ibsaniiru.

Ijaarsi riqichichaa guutumaan guutuutti sibilarraa hojjetamuu fi dheerina meetira 55 kan qabu ta’uu kaasaniiru.

Riqichichi ba’aa ulfaatinni isaa toonii 600 yookaan ammo kuntaala 600 baachuu akka danda’utti yeroo gabaabaa keessatti tajaajilaaf qaqqabsiisuun danda’amuu himaniiru.

Riqichichi tajaajila yeroo dheeraa kennuu akka danda’utti hojiin suphaa isaa qulqullinaan hojjetamuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.