Fana: At a Speed of Life!

Riqicha Laga Danbal deebisuuf hirmaannaa cimaan taasifamaa jira-BDI

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Riqicha sibiilaa Laga Daanbalirra miidhaa qaqqabeen riqichicha suphuun sochii tiraafikaaf banaa taasisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise.

Bulchiinsichi akka beeksisetti, daandii Roobee-Gaasaraa-Ginniir geessu maqa Gaasaraarraa fageenya kiiloo meetira 30’rratti kan argamuu Riqicha Lagaa Daanbalirra sababa konkolaataa fe’umsaan miidhaan cimaa qaqqabeera.

Bulchiinsichis rakkocha furuun fi yeroo muraasaa keessatti sochii tiraafikaaf banaa taasisuuf hirmaannaa cimaa taasisaa jirachuu eereera.

Hojiin suphaa riqichichaa hanga xumuramuttis daandiin Roobee-Gaasaraa-Ginniir sochii tiraafikaaf cufaa ta’ee akka turu ibseera.

Kanaaf konkolaattonni daandichatti fayyadaman daandii filmaataa Roobee-Gooroo-Ginniir fi kanneen biroo akka fayyadamaan hubachiisuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.