Fana: At a Speed of Life!

Rippaabilikiin Cheek walta’iinsa diinagdee Ityoophiyaa waliin qabdu akka cimsitu mirkaneessite

Finfinnee, Bitooteessa 7, 2015 (FBC)- Rippaabilikiin Cheek walta’iinsa diinagdee Ityoophiyaa waliin qabdu akka cimsitu beeksiste.

Rippaabilikiin Cheek Ityoophiyaa waliin damee qonnaa, misoomaa bishaanii, ijaarsaa dandeettii dargaggootaa, ji’ooloojiin hariiroo qabdu caalmaan guddisuuf, fedhii qabaachuu Dursaa Ittaanaa Ministiraa Dhimma Alaa Biyyattii Jirii Koozaak beeksisan.

Jirii Koozaak, Ministir Deetaa Ministeeara maallaqaa Aadde Samaaritaa Sawaasawu waliin mari’ataniiru.

Marii isanii Aadde Samaariitaan hariiroo Ityoophiyaan Cheek waliin qabdu cimaa ta’uu kaasaniiru.

Dameewwan misoomaa garaagaraa keessumaa misooma oomisha muuzii Naannoo Kibbaa Ityoophiyaa guddisuuf gumacha mootummaan biyyattii taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Dhaabbileen cheek fooyya’iinsa dinagdee Ityoophiyaatti taasifamaa jiru fayyadamuun hojii invastimantii irratti yoo bobb’an bu’a qabeessa akka ta’an akeekaniiru.

Biyyattiin deeggarsa misoomaa Ityoophiyaaf taasiftu, qaala’iinsa gatii waraanaa Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti mudateen akka hingufannee yaadachiisaniiru.

Hariiroon Rippaabilikii Cheek Ityoophiyaa waliin qabdu bara darbe kan qopheessitee xiyyeeffannaa sagantaa Haaraa Afrikaa ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.