Riizoortiin Haayilee Jimmaatti tajaajila eegale
Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC)- Reezoortiin Hayilee 10ffaan Magaala Jimmaatti Birrii biiliyoona 1.7’n ijaarame tajaajila eegaleera.
Rezoortiichi akka naannawaa Kibba Lixaatti kan jalqabaa yoo ta’u, wagga tokkoo fi walakkaa keessatti ijaarsii isaa xumuramee guyyaa har’a tajaajilaaf banaa ta’uun ibsameera.
Sirna eebbichaarrattii Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar rizoortichi Magaala Jimmaa gidduugala koonfaransii fi tuuriiziimii gochuuf shoora olaanaa kan qabuu ta’uu dubbatan.
Yeroo gabaabaa keessatti ijaarsi isaa xumuramuunis abbootii qabeenyaa kaan kan si’eessuu ta’uu himaniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin hojiin investimentii Abbaa qabeenyaa Haayileen hojjetamu kamuu akkuma aariitiin fiigicha xumuree maqaa biyyaa olqabu, ijaarsi pirojektichaas ariitiin kan xumurame ta’uu eeruun, galateeffataniiru.
Rezoortichi tajaajila kennuutti dabalataan carraa hojii lammiilee naannawichaaf kan uumee ta’uun ibasameera.
Amiinaa Abdallaa fi Muktar Tahaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia