Fana: At a Speed of Life!

Riizoortii Konfiraansii Arbaa Minci dhagaan bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad pirojektii Riizoortii Konfiraansii Arbaa Minciif dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Muummeen Ministiraa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti hojiileen misooma Seektara Tuuriizimii “Maaddiin Shaggarii” fi “Maaddiin Biyyaaf” eegalaman irra jireessi xumuramaniiru.

Kana hordofees sadarkaa biyyaalessattii buufataalee tuuriizimii 8 misoomsuuf yaada “Maaddiin dhalootaaf” jedhuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Haroo Abbayyaa daawwachaa, naannawaa miidhagarratti akka ijaaramuuf Riizoortii Konfiraansii Arbaa Minci lafa hektaaraa 120 irratti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’uu ibsaniiru.

Walakkaa waggaa keessatti pirojektiin xumuramu kun galii damee tuuriizimii idil addunyaa Doolaara tiriiliyoona 1.3 irraa akka qooddannu kan nu taasisuudha jedhaniiru.

Qabeenyaalee, aadaa fi seenaa fayyadamuun, jalqabbiiwwan qabeenya horachuu babal’isuun, imala badhadhinaa milkeessuuf kan taattaffatamu ta’uus ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.