Fana: At a Speed of Life!

Riifoormiin Raayyaa Ittisaa ajaja paartii jalaa ba’ee raayyaa uummataa fi biyyaa akka ta’u taasiseera

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Riifoormiin Raayyaa Ittisaa Biyyaa raayyichi ajaja paartii jalaa ba’ee raayyaa uummataa fi biyyaa akka ta’u taasisuu ibsame.

Riifoormichi raayyaan ittisa biyyaa ajaja paartii jalaa ba’ee gurmaa’iinsaa fi yaada uummatummaa fi biyyaalessaa akka qabaatu taasisuu Ajajaa Olaanaan ajaja 8ffaa Leetenaal Jeneraal Asaffaa Chakol ibsaniiru.

Garee shororkeessaan ABUT waggoottan aangoorra turetti dhaabbilee tokkummaa fi birmadummaa biyyaa itti fufsiisan jedhu diigaa turuu yaadachiisaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa namoonni naannoo tokkoo olaantummaan akka hoogganan taasisuun raayyaa ilaalcha biyyaalessaa tokko qabu ijaaruurra meeshaa ittiin dhimma paartii raawwachiisu taasisuu eeraniiru.

Tokkummaa raayyaa ittisa biyyaa diiguun shira Ityoophiyaa diiguuf dursee karoorse dhugoomsuuf Onkoloolessaa 24,2013 raayyicharratti haleellaa banuun gocha biyya ganuu raawwachuu ibsaniiru.

Raayyichi boca raayyaa ittisaa biyyaalessaa kan qabate hojii riifoormii jijjiiramaan booda hojjetameen ta’uu ibsuun, raayyichi ilaalcha sabummaa, amantaa fi siyaasaa keessaa bahuun ilaalcha tokko qabaachuu kaasaniiru.

Riifoormiin Raayyaa Ittisa Biyyaarratti taasifame raayyaa ittisa biyyaa biyyaalessaa Ityoophiyaa fakkaatu uumuu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.