Fana: At a Speed of Life!

Riifoormii damee barnootaan eegalame milkeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Riifoormii damee barnootaan eegalame milkeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birhaanuu Naggaan hoggantoota boordii dhaabbilee baronoota olaanoo haaraa ramadaman  waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni haaraa ramadaman riifoormii damee barnootaan eegalame milkeessuuf ga’eesaanii akka ba’atan gaafataniiru.

Marichi hojiilee riifoormii damee barnootaarratti eegalaman irratti waliigaltee uumuu fi miseensonni boordichaa itti gaafatamummaa isaanii beekuun abbummaa fi beekumsaan akka hogganan dandeessisuuf kaayyeffachuu eerameera.

Yeroo itti aanutti qulqullina barnootaa yuunvarsiitii, qisaasama qabeenyaa ittisuu fi bilisummaa bulchiinsa dhaabbilee barnoota olaanoorratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Riifoormii haaraa keessatti jijjiirramni sirna barnootaa,bilisummaan dhaabbilee barnoota olaanoo akkasumas barattoota eebbifamtootaaf qormaata ba’iinsaa kennuun hammatamuu ibsameera.

Kanaan dura ministeerichi dhaabbilee barnoota polaanoo cimsuuf hoggantoota boordii haaraa muuduun kan yaadatamudha.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.