Fana: At a Speed of Life!

Rifoormii Diinagdee Gooroo hojiirra ooleen gabaan Itiyoophiyaa Afrikaanotaaf banaa ta’eera-Dooktar Kaasaahuun Goofee

Finfinnee, Guraandhala 5, 2017 (FMC)-Itiyoophiyaan rifoormii diinagdee gooroo jijjiiramaa as hojiirra oolchiteen gabaa ishee Afrikaanotaaf banaa taasisuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen ibsan.

Dooktar Kaasaahuun goofeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, waltajjii marii ‘Sochii Viisaarraa Bilisa ta’e Tiraanisfoormeeshinii Afrikaa’ jedhu kan walta’insa Garee Baankii Misoomaa Afrikaa fi Komishinii Gamtaa Afrikaatiin qophaa’erratti hirmaachuun, murannoo fi muuxannoo Itoophiyaa qooduu ibsan.

Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa fi ardii cimsuun biyya gahee addaa duree qabdudha jedhan.

Guca bilisummaa Afrikaanotaa kan taate Itiyoophiyaan injifannoowwan ofitti amanamummaaf bu’uura ta’an kan gonfatte, Afrikaanotarra dabartee uummata gurraacha addunyaaf miira ‘ni-danda’ama’ kan sirneessite ta’uu kaasaniiru.

Rifoormii diinagdee gooroo jijjiiramaa as hojiirra ooleenis gabaan Itiyoophiyaa Afrikaanotaaf banaa taasifamuu himaniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaanota daangaa hanga daangaatti walqunnamsiisaa jiraachuu eeruun, Itiyoophiyaan tuurizimii fi biizinasiif biyya filatamtuu ta’aa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.