Fana: At a Speed of Life!

RIB odeeffannoowwan hin mirkanaa’iin darban akka dhaabbatan yaadachiise

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa haala yeroo raayyichaa ilaalchisee yaaliin odeeffannoowwan hin mirkanaa’iin, hin malleefi jette jetteewwan  gabaasuufi tamsaasuuf taasifaman saffisaan akka dhaabbatan  yaadachiise.

Deeggarsiifi hirmaannaan uummataa cimaa ta’uun ergama Raayyaan Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa eeguuf itti laatame gahumsaan ba’achaaf murteessaa ta’uusaatti kan amanu ta’uu eereera.

Walamantaafi deeggarsi uummataafi loltaan ijaarame bu’uura cimaarratti kan hundaa’e waan ta’eef, qormaatilee waloon keessa darbaa tokkummaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuu ibseera.

Fuuldurattis shiraafi kiyyoo diinonni qopheessan hubachuun kaayyoo badiisaaniif kan hin jilbeenfanne ta’uu qabatamaatti agarsiisaa itti fufna jedha ibsichi.

Seenaafi abdiin waloo kun kan hin hafne ta’us gatii injifannoof baafamu hir’isuuf garuu jabinaan hojjechuu barbaachisa jedheera.

Diinnoni biyyattii Al-Shabaab tibbana balaa ifa ta’e uumuu yaade gama kutaa bahaa biyyattiin lohee seenuufi  meeshaaleen waranaafi humni namaa isaa barbaadaa’uu yaadachiiseera.

Kaaba biyyattiittis gareen shororkeessaa ABUT dibbee waraanaa rukutaa jiraachuu RIB kaaseera.

Keessumaa leellistoonni garichaa tibbana maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa balleessurratti ko’oommachuu ibseera.

Sababoota fudhatama hin qabne tarreessuun duula RIB yakkuurratti bobba’uu eereera.

Miidiyaal idil addunyaarratti mariin nageenyaa fashalaa’eera, Raayyaan Ittisa Biyyaa loltoota isaa waraanaaf as siqsaa jira, Raayyaan Ittisa Biyyaa meeshaalee waraanaa gurguddaan nu haleelaa jira fi kkf jechuun holola isaanii oofaa jiraachuu ibseera.

Miidiyaaleen biyya keenyaa, ajandaa fi shira diinaa  hubachuun kan falmaan akkuma jiran, gabaasni fi odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasummaa tokko tokko  himannaa diigumsaa kana wayita qoodan kan mul’atan jiraachuu ibseera.

Waranaa birmadumma biyyaarratti aggamaamaa jiru caalaa miidiyaaleen hawaasummaa akka maddaa galiitti ilaaluun odeeffannoo hafarsuun ummataa fi qaamolee nageenyaas kan jeequudha.

Akkuma duraan haala yeroo fi sochii raayyaa yeroo barbaachisaa ta’etti ummataaf ifoomsamaa ture, fuuldurattiis haaluma kanaan kan itti fufu ta’uu eeruun, yeroo ammaa olola diinii afarsaa jiru qaamoleen itti gaaftamaa hinqabnee odeeffannoowwan cinaa yaraa walharkaa fuudhanii tamsaasan akka jiran mul’ataa kan jiruudha jedha.

Gochaan kun raawwii dirqamaa raayyaarratti dhiibbaa kamiyyu fiduu kan hindandeenye ta’uu kan ibsame yoo ta’u, qaamoleen miidiyaa hawaasummaa beekaas ta’ee utuu hinbeekiin gabaasan gochaa isaaniirraa akka of qusataan jechuun raayyaan itti biyyaa ibsa baaseen hubachiseera.

Qaamoleen gochaa kanaa maal na dhibdeedhaan itti fufaanii fi hinsirrannee Raayyaan Ittisaa tarkaanfii fudhachuu caalaa iccitii Raayyaa Ittisaa baasuun, ajandaa diinaa afarsuun, nageenyaa biyyaa balaarraa kan buusan akka barbaachisummaa isaatti himachuun ittigaafatamtoota akka taasisu hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.