RIB namoota 51 fi qabeenya Birrii miiliyoona 250tti tilmamamu Hidhattoota ABO shanee harkaa baraaruu ibsame
Finfinnee, Guraandhala 17, 2015 (FBC) – Godinaa Wallagga Bahaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti Raayyaan Ittisaa namoota 51 fi qabeenya Birrii miiliyoona 250tti tilmamamu Hidhattoota ABO shanee harkaa baraaruu ibsameera.
Aanaa Leeqaa Dullachaa, ganda Guddinaatti namoonni 52 hojii albuuda dhagaa cilee baasuurratti bobba’anii turan hidhattoota ABO Shaneetiin ugguramanii turan tarkaanfiwwan Raayyaan Ittisaa fudhateen qabeenya Birrii miiliyoona 250 tti tilmaamamuufi namoota 51 baraaruu isaa Itti aanaan Ajaja Kutaa Waraanaa 36ffaa Koloneel Mohaammad Ibraahim ibsaniiru.
Odeeffannoo sirrii argameen namoota kanneenii fi qabeenya kana baraaruun danda’amuu Koloneel Mohaammad ibsaniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.