Fana: At a Speed of Life!

Rashiyaan haleellaa Yuukreeniin irratti raawwatameef Ameerikaa himatte

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Rashiyaan haleellaa Yuukreeniin irratti raawwatameef Ameerikaa himachuu gabaafame.

Haleellaa Yuukreen guyyaa kaleessaa magaalaa Noovaayaa Kaakhoovikaa irratti raawwatteef Raashiyaan Ameerikaa himachuu gabaafameera.

Yuukreen deeggarsa Ameerikaan ala haleellaa kana raawwachuu hin dandeessu jechuun dippiloomaatiin Raashiyaa dubbataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ittaanaan ergamaa Raashiyaa Diimiitrii Pooliiyaansiki Laariyaa Noovoostiin, Ameerikaan deeggarsa meeshaalee waraanaa gurguddaa keeviif taasistu naannawicha akka haleeltu ishee gargaaruu eeraniiru.

Haleellaan naannoo manneen jireenyaa lammiilee nagaarratti raawwatamu bu’aa kan hin qabne ta’uu kaasaniiru.

Hogganaan magaalattii Vilaadmiir Liiyoonteev gamasaaniin, haleellichaan namoonni 7 wayita du’an namoonni 70 ta’an madaa’uu ibsaniiru.

Haleellaa kanaan dura raawwatameen kuusaan taa’oo, manneen jireenyaa, gabaa fi hospitaalarratti miidhaan qaqqabuu eeraniiru.

Dabalataanis deeggarsa nyaataa dabalatee meeshaaleen deeggarsaa toonii 35 barbadaa’uu ibsaniiru.

Waraanni Yuukreen kuusaa rasaasaa magaalaa Noovaayaa Kaakhoovikaa keessatti argamu barbadeessuu addeesseera.

Haleelicha deeggartoonni Keev miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti bal’inaan qoodaniiru.

Yuukreeniifi Raashiyaan naannoo manneen jireenyaa haleeluuniifi lammiilee nagaa ajjeesuun irra deddeebiin wal yakkaa turuu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.