Fana: At a Speed of Life!

Rasaasoonni kumni 5 ol garee shororkeessaa ABUT qaqqabuuf turan to’ataman

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)-Ajajni kaabaa rasaasoota kuma 5 ol garee shororkeessaa ABUT qaqqabuuf turan to’annaa jala oolchuu beeksiseera.

Bakka bu’aan hordoffii humna duula ajaja kaabaa Geetaachoo Waaree, rasaasoonni kunneen bakka lamaatti hidhamuun harreerratti fe’amuun garee shororkeessichaaf qaqqabuuf wayita jedhu caakkaa keessaatti qabamu himaniiru.

Rasaasoonni kunneen gara garichaa osoo qaqqabee miidhaan cimaa qaqqabuu akka danda’uus himaniiru.

Gareen shororkaa kun deeggarsoota loojistikiis ta’ee kanneen biroo hordofee yeroo hin yaadamneetti to’annaa jala ooluun isaa garicha caalmaatti ni dhadhabsiisaa jedhameera.

Raayyaan ittisa humnoota nageenyaa biiroo waliin qindoominaan hanga xumuraatti garichaa barbadeessuuf hojiin addaan hin cinnee hojjechaa jiraachuu himu ragaan raayyaa ittisa biyyarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.