Fana: At a Speed of Life!

Rasaasonni garaagaraa ABO shaneef ergamuuf ture to’atame

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Rasaasonni garaagaraa ABO shaneef ergamuuf ture kumni 2 fi 900 to’atamuu ibsameera.
Raasaasni kumni 2 fi 900 Konkolaataa Simmintoo fe’ee Dabra Birhaanii karaa Finfinneen gara Shawaa Kaabaa imalaa ture keessatti dhokfamee socho’aa ture magaalaa Finfinneetti to’atamuu Humni Qindoomaa Nageenyaa ibseera.
Rasaasonni kunneen Rasaasa Kilaash Koovii yoo ta’uu, garee shororkeessaa ABO shaneef osoo imalchiifamaa jiruu to’atamuu himameera.
Konkolaachisaan yeroof kan miliqe yoo ta’u, namoonni dhimmicha waliin shakkaman 4 to’atamuu ibseera.
Meeshaaleen waraanaa garaagaraa garichaaf kallattii adda addaan imalchiifamaa ture hedduun hordoffii cimaa qaamolee nageenyaa fi Tikaan to’atamuu humni Qindoomaan kun himeera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.