Fana: At a Speed of Life!

Rasaasni Shugguxii karaa seeraan alaa Finfinnee seenuuf ture kumni 9 ol to’atame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Rasaasni Shugguxii karaa seeraan alaa magaalaa Finfinnee seenuuf ture kumni 9 ol shakkamtoota waliin to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Hordoffii Poolisiin magaalaa Finfinnee fi tajaajilli Odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa waloon taasiisaniin meeshaaleen seeraan alaa kun to’atamuu ibsameera.
Hojiin daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’achuu cimee itti fufuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Rasaasni Shugguxii Magaalaa Bahaardaarii ka’uun karaa seeraan alaa Magaalaa Finfinnee galuuf ture kumni 9 fi 950 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee aanaa 8 iddoo addaa ‘Ajjiip Tootaal’ jedhamutti shakkamtoota waliin harkaaf harkatti to’atamuu ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.