Fana: At a Speed of Life!

Rasaasni seeraan alaa daddabarfamaa ture kumni 13 fi 842 to’atame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Rasaasni seeraan alaa daddabarfamaa ture kumni 13 fi 842 to’atamuu ibsame.

Konkolaataan fe’umsaa ISUZUn lakkoofsi gabatee isaa AA49819 ta’e rasaasa seeraan alaa fe’ee Shawaa Kaabaa Darraarraa ka’e to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Meeshichi hordoffii poolisiin magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa taasisaniin guyyaa kaleessaa halkan keessaa naannoo sa’atii 8:00 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee aanaa 8 bakka Tsiyoon Hoteel jedhamuun waamamutti to’atamuu ibsameera.

Meeshicha wajjiin shakkamtoonni 4 to’annaa jala ooluu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.