Fana: At a Speed of Life!

Rasaasni kumni 19 ol karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture to’annaa jala oole

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)-Rasaasni kumni 19 fi 447 fi shugguxiin 3 ka’umsa isaa naannoo Amaaraa iddoowwan adda adda taasisuun karaa seeraa ala daddabarfamaa ture to’anna jala ibsameera.

Meeshaleen waraanaa kunneen sakattoo fi hordoffii Tajaajilli Nageenya odeeffannoo, Poolisiin Magaalaa Finfinnee akkasumas komishinoonni poolisii naannolee Oromiyaa fi Amaaraa taasisaniin ta’uu ibsameera.

Akka ragaan poolisii magaalaa Finfinnee muul’dhisuutti, namni dhuunfa konkolaataa Piikaapiin ka’umsa isaa magaalaa Baahir Daar taasisuun rasaasoota kuma 4 fi 847 fe’ee ga’umsa isaa magaalaa Finfinnee taasisuuf imalaa osoo jiru sakattoo taasifameen magaalaa Sulultaatti meeshaa waraanaa waliin to’atameera.

Haaluma walfakkatuun konkolaataan Piikaapii naannoo Amaaraa godina Walloo kaabaa magaalaa Waldiyaarra gara Goondar akka qaqqabuuf karoorfamee rasaasni kiilashii kumni 14 fi 500 to’annaa jala ooluu ibsameera.

Rasaasichii fi namni dhuunfa meeshicha daddabarsaa ture godina Goondar Kibbaa magaalaa Nifaas Maawucaatti to’annaa jala ooleera.

Gama biraanis namni dhuunfa meeshaa waraanaa godina Walloo Kibbaa magaalaa Dassee konkolaataa deddeebisaa uummataatiin miidhaan keessaa dhooksuun rasaasa bireenii 100 fi shugguxii Turkii 3 daddabarsaa turees to’annaa jala ooleera.

Haaluma walfakkatuun meeshaan waraanaa ga’umsaa isaa naannoo Kibbaa godina Kafaa magaalaa Boongaa taasiseerratti sakattoo taasifameen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kotaabeetti shakkamaa meeshichaa daddabarsaa ture waliin to’annaa jala ooluu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.