Fana: At a Speed of Life!

Ramaddiin taphoota Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa ifoome

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Ramaddiin taphoota Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2017 ifoomeera.

Haaluma kanaan taphoota torbee jalqabaan Hadiyyaa Hoosaa’inaan – Maqalee 70 Indartaa, Itiyoo Elektirik -Walaayittaa Diichaa, Suhuul Shireen -Magaalaa Adaamaa, Aarbaa Minci – Magaalaa Dirre Dhawaa, Bunni Sidaamaa – Magaalaa Hawaasaa, Giyoorgis – Faasiil, Bunni Itiyoophiyaa – Baankii Daldala Itiyoophiyaa, Magaalaan Bahiir Daar – Yuunivarsiitii Walwaaloo Addigiraat, Machaal – Magaalaa Walqixxee waliin taphatu jedhame.

Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2016 Kilaboota 16 hirmaachisaa ture bara 2017 kilaboota 18tti ol guddateera.

Torbeewwan 36 taphoonni 342 ni taphatamu jedhame.

Taphoonni jalqabaa Piriimeer Liigichaa Fulbaana 10, 2017 Istaadiyeemii Magaalaa Dirre Dhawaatti eegalama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.