Fana: At a Speed of Life!

Ramaddiin sadarkaa Urjii Hoteelotaa bifa haaraan hojjetamuufi

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)- Ramaddiin sadarkaa Urjii Hoteelotaa bifa haaraan kan hojjetamu ta’uu Ministeerri Tuuriizimii beeksise.

Fulbaanarraa eegaluun sadarkaan urjii kanaan dura kenname hojiirraa kan hinoolle ta’uu ministeerichi ibseera.

Manni Maree Ministirootaa dambii ramaddii sadarkaa dhaabbilee tajaajila kennanii lakkoofsa 173/2002’tiin hoteelonni waggaa sadiin irra deebiin sadarkaan ramadamuu akka qaban kan raaggaasisuu ta’uun ibsameera.

Bu’uuruma kanaan, ministeerichi Magaalaa Finfinnee fi hoteelota naannoleetti argaman madaallii sadarkaa irraa deebiin taasisuuf qophii xumuruu beeksiseera.

Kanas hojiirra oolchuuf qajeelfama barbaachisu irratti abbootii qabeenyaa hoteelotaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Tuuriizimii Ambaasaddar Naasisee Caaliin, sadarkaan urjii duraanii hoteelota adeemsa ramaddii irraa deebiin gaggeeffamuu keessa darbanii bu’uuraa seeraan yeroon tajaajilaa isaanii waan xumurameef, sadarkaan Urjii duraanii kan haqamu ta’uu dubbataniiru.

Ramaddii irraa deebiin kennamuun, hoteelonni tajaajila kennaan fooyyessuu fi dorgomtummaa tajaajila tuuriizimii biyyattii guddisuurratti akka xiyyeeffataan ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.