Fana: At a Speed of Life!

Ramaddiin barattoota dhaabbilee barnootaa olaanootti ramadamanii ifoome

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC) – Ministeerri Barnootaa ramaddii barattoota dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamanii ifoomseera.

Qormaata seensa Yuunvarsiitii bara 2013 fudhatanii Yuunvaarsiitii mootummaaf barattoota  qabxii darbiinsaa fidaniif ramaddiin taasifameera.

Haaluma kanaan barattoonni guyyaa har’aa irraa eegalee gama marsaritii https://result.ethernet.edu.et, ergaa gabaabaa 9444 akkasumas Teeleegiraamii @moestudentbot ramaddii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Barattoonni ramaddii waliin walqabatee gaaffii qaban kamiyyuu gama marsaritii https://complaint.ethernet.edu.et dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu yaadachiiseera.

Yuunvarsiitiiwwan hanga baatii Eebila 24,2014tti qophii barbaachisaa taasisuun sagantaa simannaa barattoota haaraa kan taasisan waan ta’eef barattoonni gamanumaan qophii barbaachisaa akka taasisan dhaameera.

Qabxii seensaa kanaan dura ibsamee fi naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Afaarii fi Beenishaangul Gumuzitti barattoonni dabalataaf rammaddiin kennamuu murtoon darbuun isaa ni yaadatama.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.