Rakkoowwan keessaa fi alaa mudatan darbuuf waliin dhaabbachuu barbaachisa-Dooktar Raaheel Baafee
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC)- Rakkoowwan keessaa fi alaa mudatan darbuuf waliin dhaabbachuu barbaachisa jedhan Walitti qabduu Mana Maree waloo paartiilee siyaasaa Dooktar Raaheel Baafee.
Yeroon kun yeroo itti Ityoophiyaan rakkoowwan biyya keessaa fi alaan qoramaa jirtu waan ta’eef, waldhagahuu, mari’achuufi waliin dhaabbachuun akka barbaachisu Dooktar Raaheel Baafee himaniiru.
Rakkoo keessa hanga danda’ameetti saffisaan furuunii fi waliin dhaabbachuun dhiibbaawwan alaarra dhufan waliin qolachuu barbaachisaas jedhaniiru.
Caasaa Mootummaa haaraa hunda’ee keessatti miseensoonni paartiilee morkattootaa hirmaachuun, yaadoonni garagaraa akka dhagahamanii fi dhimmoota biyyaarratti waliigalteen foyyee qabu akka jiraatu kan taasisuu ta’uu ibsaniiru.
Iddoowwan itti gaafatamummaa naannoo hanga Fedeeraalaatti miseensoonni paartiilee morkattootaa akka hirmaatan taasifamuun yaadoonni haaraan akka burqisiifamanii fi waliigalteen akka uumamu dandeessisa jedhaniiru.
Maddi:-DHPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.