Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon nageenyaa fi qoodinsi qabeenyaa haqa qabeessa hin taane furmaata waloo biyyootaa barbaada – Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Rakkoon nageenyaa fi qoodinsi qabeenyaa haqa qabeessa hin taane addunyaa qormaata keessa galchaa jiru furmaata waloo biyyootaa kan barbaadu ta’uu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsan.

Antooniyoo Guutareez Yaa’ii tumsa Chaayinaa – Afrikaarratti argamuun haasawa taasiisaniin waraanni Yuukreenii, Sudaanii fi Gaazaatti gaggeeffamaa jiru diinagdee addunyaa miidhaa jiraachuu himaniiru.

Sirni Faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta’uu dhabuu isaan biyyoota galii gadi aanaa qabanirratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Hariiroon Kibba Kibbaa rakkoolee kanneeniif furmaata ijoo fi tumsi Chaayinaa – Afrikaa dhimmichaaf utubaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoon nageenyaa fi Tasgabbii akkasumas jijjiiramni qabeenya qilleensaa dhiibbaan biyyoota guddataa jiranirra qaqqabsiisu hammaataa dhufuu isaan tumsa cimaa barbaachisa jedhan.

Tumsi Afrikaa – Chaayinaa nageenya, misoomaa fi badhaadhina addunyaaf qooda olaanaa qabaachuu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsaniiru

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.