Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon IT tibbana muudate Kompiyuutaroota miiliyoona 8.5 tajaajilaa ala taasiisuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – RakkoonTeeknooloojii Odeeffannoorra tibbana muudate Kompiyuutaroota miiliyoona 8.5 irra miidhaa qaqqabsiisuu Maayikroo Soofti beeksise.

Kenniinsa Tajaajila dhaabbilee idil addunyaa hedduurratti gufuu ta’ee turuu ibseera.

Rakkichi tajaajila kenniinsa Diijitaalaa gufachiisurra darbee qabeenya hedduurra miidhaa qaqqabsiisuu eeruun, Kompiyuutaroota miiliyoona 8.5 tajaajilaa ala taasiisuu dhaabbatichi himeera.

Kunis seenaa keessatti miidhaa olaanaa Kompiyuutararra qaqqabe ta’uu ibseera.

Kompiyuutaroota miidhaman kanneen deebisee tajaajilaaf oolchuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu Maayikroo Soofti beeksisuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.