Rakkoon garaagaraa osoo jiruu galiin biyyattii dabaleera- MM Abiy
Finfinnee, Waxabajjii 30,2014 (FBC)- Rakkoon garaagaraa osoo jiruu galiin biyyattii dabaluu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan.
Ityoophiyaan dhiibbaa rakkoolee garaagaraa jala jiraattus galiin guddachuu fi fooyya’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsaniiru.
Daldaltoonni gibira kaffaluuf fedhiin qaban fooyya’uu fi hangi isaanii dabalaa jiraachuu ibsa walga’ii idilee 6ffaa waggaa 1ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarratti taasisaniin ibsaniiru.
Daldala alaan jijjiiramni guddaan dhufuu kaasaniiru.
Ityoophiyaan alergii meeshaalee fi tajaajilaarraa Doolaara biiliyoona 10 argachuu ibsuun, bu’aan daldala alergiin argame bu’aa riifoormiin argame ta’uu dubbataniiru.
Oomisha bunaan bu’aan argamaa jiraachuu eeruun, nageenyi mirkanoofnaan tuurizimiin biyyatti kan guddatu ta’uu ibsaniiru.
Invastimantiin waggaa darbeerra dabaluu ibsaniiru.
Galii, daldallii fi invastimantiin guddachuun kallattii diinagdeen biyyattii qabate kan akeeku ta’uu ibsaniiru.
Qonnaa kilaastaraan bu’aa gaariin argamaa jiraachuu addeessaniiru.
Haala fayyadama bishaaniirratti hojiileen hojjetamuu qaban jiraatanis sochii bal’aan jiraachuu eeraniiru.
Dhaabbileen maayikroo faayinaansii qonnaan bultoota miiliyoona 3.8’f liqii dhiyeessuu ibsaniiru.
Waggoottan itti aananitti daldala alaarrattii fi dhaabbilee hiyyummaa hir’isuuf hojjetanirratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Baajata baranaa keessaa %58 hiyyummaa hir’isuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsa manaa namoota harka qalleeyyii, rakkoo qaala’iinsa jireenyaa fi namoota galii gadi aanaa qabanii furuuf hundi hirmaachuufi deeggaruu akka qabu dhaamaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.