Rakkooleen Idaa liqaa, qaala’iinsa jireenyaa, bu’uuraalee misoomaa rakkoolee guddina Ityoophiyaa qoraa jirani- MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Bitootessa 19, 2015(FBC)- Rakkooleen Idaa liqaa, qaala’iinsa jireenyaafi bu’uuraalee misoomaa rakkoolee guddina Ityoophiyaa qoraa jiran ta’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad eeran.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhimmoota diinagdee ilaalchisuun ibsa taasisaniin, diinagdeen addunyaa rakkoolee garaagaraan qoramaa jiraachuu eeraniiru.
Ka’umsi qaala’iinsa jireenyaa idaan olka’uu, gatiin qabeenyaa hir’achuu, galiin hir’achuu fi kufaatii dhaabbilee maallaqaa ta’uu ibsaniiru.
Biyyoonni hedduun idaa kaffaluuf rakkachaa jiraachuu kaasaniiru.
Sababa waraana Raashiyaafi Yuukireen akkasumas Covid-19 qaala’iinsi jireenyaa hammaachuun biyyoota addunyaa hedduu miidhuu kaasaniiru.
Qaala’iinsi jireenyaa akkuma Covid-19 rakkoo hammaataa ta’uu ibsuun, haalaan irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee guddina Ityoophiyaa qoran keessaa tokko idaa liqaa ta’uu ibsuun rakkoo kana furuuf hojiileen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoon biraa guddina biyyattiitti qormaata ta’e qaala’iinsa jireenyaa ta’uu eeruun,qaala’iinsi gatii Ityoophiyaatti waggoottan 20 darbanitti walitti fufiinsaan guddachaa dhufuukaasaniiru.
Rakkoo kana hir’isuuf oomisha irratti xiyyeeffachuun dhiyeessii guddisuu, hiyyummaa hir’isuu, magaalotatti giddugaloota nyaataa babal’isuufi maaddii qooduurratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Kana malees mootummaa oomisha guddisuuf boba’aafi xaa’oorratti deeggarsa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Oomishni waliigalaa qonnaa guddachuu kan kaasan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Uwwisni qonnaa biyyattii heektaara miiliyoona 6.8 irra gahuu ibsaniiru.
Damicharratti jijjiiramni guddaan jiraachuus eeraniiru.
Gama sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun bu’aa quubsaan argamaa jiraachuus kaasaniiru.
Dhaabbileen oomishtootaa dhuunfaas jijjiirama ajaa’ibsiisaa argisiisuu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/