Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee waloo qabnu furuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Rakkoolee waloo qabnu furuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha ta’uu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dubbatan.
Preezdaant Saahilawarq Zawdeen ‘Fooramii Bishaanii idil addunyaa’ 9ffaa Hoggantootaa, Ministiroota, miseensota Paarlaamaa fi Siivilii hawaasaa, seektaroota dhuunfaa fi hayyootaa Seeneegaal Daakaaritti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataniiru.
Dhimma Hidha Haaromsaa fi sagantaa ashaaraa magaariisaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Rakkoolee waloon qabnu furuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Fooramiin Bishaanii kun Mootummaa Seeneegaalii fi tumsa Mana Maree Bishaanii addunyaan bara Faranjootaa 1997 kan hundaa’e yoo ta’uu, waggoota sadi sadiin gaggeeffamaa turuu ibsameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.