Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee nageenyaa mudataniif furmaanni tokkummaa duraan qabnu cimsuu fi kan ammaa tikfachuudha-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Rakkoolee nageenyaa mudataniif furmaanni tokkummaa duraan jiru qabnu cimsuu fi kan ammaa tikfachuudha jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar.

Siimpooziyaamiin, guyyaa sabaa fi sablammootaa 17ffaa ilaalchisuun Naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Siimpooziyamicharratti Obbo Aganyawu Tashaagar haasawaa taasisaniin, rakkooleen keessoo muraasni diinaaf gamachuu ta’uu eeruun, tokkummaan ijaarsa hidha haarimsaa guddicha itoophiyaa fi kanneen biroorratti argamanirratti haa xiyyeeffannu jedhaniiru.

Siimpooziyamii kanarratti hoggantootaa olaanoo mootummaa federaalaa fi naannolee, hayyoota, paartilee siyaasaa, dhaabbilee
amantaa fi waldaaleen siiviikii hirmaachaa jiru.

Addis Taammiraatitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.