Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee nagaan, walqixxummaa fi jaalalaan furuun barbaachisaadha-Abuuna Maatiyaas

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017 (FBC)- Qormaatilee Itiyoophiyaatti mul’achaa jiran akkataa barsiisaa Fannoon nagaan, walqixxummaa fi jaalalaan furuun barbaachisaa ta’uu Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Abuuna Maatiyaas ibsan.

Sirni Damaraa Masqalaa Magalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti sirna hoo’aan kabajamaa jira.

Sirnicharratti Abuuna Maatiyaas ergaa dabarsaniin, masqalli kan qabataman mul’atu caalaa humni amantii akka caaluu kan argisiisuudha jedhan.

Waggoottan darban qormaatilee Itiyoophiyaatti mul’ataa jiran akkaataa barsiisa Fannoon nagaan, walqixxummaa fi jaalalaan furuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa fi mootummaan nageeyaa waaraa mirkaneessuu fi tokkummaarratti ciminaan akka hojjetan waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.