Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuun Badhaadhina Itiyoophiyaaf murannoon ni hojjenna – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Mudde 27, 2017 (FMC) –Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuun Badhaadhina Itiyoophiyaaf murannoon ni hojjenna jedhan Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Yaa’iin duraa Yaa’ii idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Hoggantoota olaanoo Magaalaa Finfinnee mata duree ‘Waadaa hanga Aadaa’ jedhuun guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xumurame.

Paartiin Badhaadhinaa akkaatuma ummataaf waadaa galeen raawwii qabatamaan aadaa ta’ee akka itti fufu taasisuun bu’aalee hedduun galmeessuu Aadde Adaanech eeraniiru.

Yaa’ii idilee 1ffaarratti akkaatuma waadaa galameen tokkummaa sabdaneessaa cimsuu, hirmaachisummaa fi walummaa akkasumas sirna Paartii hirmaachisaa diriirsuun bu’aan galmaa’uu kaasaniiru.

Rakkoolee fi qormaatilee hedduu ce’uun Piroojejkoota fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessanii fi namarratti xiyyeeffatan hojjechuu dandeenyurra jedhan.

Hojiileen misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaan baay’een hojjetamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.