Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee kamuu mariin furuun biyya cimtuu ijaaruuf gargaara- Mana Marichaa

Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Rakkoolee kamuu mariin furuun biyya cimtuu ijaaruuf gargaara jechuun Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa ibse.

Manni marichaa, marii waloo adeemsa siyaasa biyyaa fi kallattii fuuldureerratti waltajjii marii gaggeesseera.

Walitti Qabaan Mana Marichaa Obbo Muusaa Furoo miira waldorgommii fi waldeeggaruun, biyya cimtuu ijaaruu, ijaarsa sirna dimokiraasii gabbisuu fi nageenya, mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuun uummanni nageenya, misooma fi hawaasummaa keessatti akka hirmaatu gahee irraa eegamu bahachuuf kan hojjetu ta’uus himaniiru.

Biyyaa fi naannichatti ijaarsa sirna dimokiraasii saffisiisuu, sirna paartiilee hedduu cimsuun gahee ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha akka taasisuu dubbataniiru.

Rakkoolee mudatan kamuus mariin furuu fi waltajjiiwwan marii mijeessuun waldeeggaruu fi walmorkuun biyya cimtuu ijaaruun, dhaloota egereef dabarsuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Gama biraan paartileen siyaasaa maree biyyaalessaa keessatti hirmaachuu fi hirmaachisuu akka qaban, misooma waloo biyyaa irratti qooda akka bahatan taasisuu fi aadaan ijaarsa sirna dimokiraasii akka dagaaguuf, paartileen siyaasaa miseensota isaanii akka leenjisan tumsuuf qoodni mana marichaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Manni Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Paartilee siyaasaa garaagaraa 17 kan hundeeffame ta’uu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.