Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee jiran waaraan furuuf qawween furmaata hin ta’u- Obbo Mulaatuu Gammachuu

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Rakkoolee jiran waaraan furuuf qawween furmaata akka hin taane Ittaanaan dura taa’aa Kongireesii Federaalawaa Oromoo/KFO Obbo Mulaatuu Gammachuu ibsan

Karaan bu’aan qabsoo itti argamu karaa nagaa ta’uu fi KFOnis  hundeeffamarraa kaasee Karaa nagaatiin qabsoo gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Oromiyaan yoo nagaa taate biyyi nagaa taati.nagaa buusuuf immoo qawween furmaata hin ta’u jedhan.

Biyyaa fi uumataaf jecha qawwee dhisnee marii fi marabbaan karaa aadaatiin nagaa buusuun barbaachisaa akka ta’e obbo Mulaatuun dubbataniru.

Murtee mootummaan nagaa buusuuf nageenyarratti xiyyeeffatee hojjechuuf murteesse murtee sirrii ta’uu ibsaniiru.

Daagmaawwii Deeksisaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.