Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee hanqina simmintoo fi sharafa alaa furuun proojektiiwwan qulqullinaan xumuruun barbaachisaadha- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 20, 2014 (FBC) – Rakkoolee hanqina simmintoo fi sharafa alaa furuun proojektiiwwan qulqullinaan xumuruun barbaachisaa ta’uu kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen yaadachiisan.

Aadde Adaanech Proojektiiwwan Meeggaa Birrii biiliyoona 6 oliin magaalicha keessatti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Proojektiiwwan kunneen yeroo eegametti qulqullina isaanii eeganii haala xumuramuu danda’an irratti dhaabbilee ijaarsaa proojektiiwwan kanneenii wajjiin mari’ataniiru.

Aadde Adaanach proojektoota daawwatan keessaa giddugalaa innooveeshinii Afriikaa, tajaajila geejibaa ammayyaa’aa Finfinnee, proojektii bakka dhaabbii konkolaataa fa’i.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.