Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee fi qormaatilee biyyattii mudachaa jiran furuuf hayyootni ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhame

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) –Mariin haala yeroo irratti xiyyeeffate Hayyoota waliin magaalaa Fiicheetti gaggeeffamaa jira.
Biyyattiin daandii jijjiiramaa abdachiisaa jalqabdus rakkooleen asiifi achitti muul’atu akka hin milkoofne ishee taasiseera jedhan hirmaattoonni waltajjichaa.
Xiyyeeffannoo fi tumsi kutaa hawaasa hundaa murteessaa ta’uu eeraniiru.
Keessattuu godinni Salaalee fi naannawaan ishee sochiin Garee shororkeessaa Shanee kan itti heddummatu ta’uun isaa rakkicha hammeessuu himan.
Finxaaleessummaan,qaala’iinsi jireenyaa fi rakkoon kenna tajaajilaa itti dabalamee rakkicha hammeesseera jedhan.
Mootummaan tarkaanfii barsiisaa fudhachuun rakkicha akka furuu gaafachuun ,biyyi qabnu kan waliinii keenya waan taateef kutaan hawaasaa hundi ,keessattuu hayyoonnii ga’ee irraa eegamuu ba’achuu qabu jedhan.
Rakkoo nageenyaa darbee darbee godinichatti mul’atuu fi qormaatilee kanneen biroo jiru furuudhaaf hojiilee hojjetamaa jiruun bu’aa gaarii argamuu Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Kifalewu Adaree ibsaniiru.
Rakkicha furuuf marii fi yaadni Hayyootaa qooda murteessaa qabaachuu himaniiru.
Qormaatilee biyyattii mudachaa turan cimina uummataan injifannoon keessa dabarreerra jedhan.
Kaayyoon badhaadhinaa yaaddeme akka galmaan ga’uuf kutaan hawaasaa hundi ga’ee isaa ba’achuu akka qabu gaafataniiru.
Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastara magaaloota Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa gama isaaniin biyyattiin yoomiyyuu caalaatti tumsa lammileeshee yeroo itti barbaadduudha jedhan.
Rakkoon nageenyaa,qaala’iisi jireenyaa,finxaaleessuummaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii addatti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan ta’uu himaniiru.
Sochiin shororkeessaa Naannoo Oromiyaatti mul’atu uummata naannichaatti rakkoo uumuu fi tarkaanfii fudhatamaa jiruun bu’aa gaarii galmaa’aa jiraachuu himaniiru.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.