Rakkoolee damee Loojistiksiin mul’atan furuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC)- Rakkoolee damee Loojistiksiin mul’atan furuuf qaamoolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii beeksise.
Waltajjiin beekamtii raawwii damichaa kan bara 2023 mata duree “ Jijjirama Loojistiksii Guddinaa fi Badhaadhinaa Itti fufiinsa qabuuf “ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannaawa Dooktar Kaasahuun Goofee, Komishinarri Koomishinii Gumrukaa Dabalee Qabataa, Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee,Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihraatuu fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Ministirrri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen, Waltajjicharratti haasawaa taasisaaniin, dandeettii fi raawwii damee loojistiksii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojmaataa damichaa ammayyeessuun, bu’uuraalee misoomaa dhiyeessuu fi humna namaa gaha horachuun, bu’aan galmaa’uu ibsaniiru.