Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee biyyattii furuuf duudhaan marii dagaaguu qaba – Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Rakkoolee biyyattii furuuf duudhaan marii dagaaguu akka qabu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee hubachiise.
‘Duudhaa marii dagaagsuu keessatti qooda Dhaabbilee Amantaa’ mata duree jedhuun abbootiin amantaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mariin gaggeeffameera.
Ityoophiyaan duudhaalee marii hedduu qabdutti fayyadamuu akka qabu Barreessaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee magaalaa Finfinnee Maggaabii Taammiraat Abagaaz ibsaniiru.
Keessattuu rakkoolee yeroo ammaa biyyatti muudachaa jiru furuuf mariin qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Abbootiin amantaa waldhabdeen wayita uumame rakkicha furuuf tattaaffachuu akka qaban Miseensi Dhaabbilee Amantaalee Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallitti Haajii Jamaan Amaan ibsaniiru.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee magaalaa Finfinnee hanga ammaatti kutaalee magaalaa 6 keessatti waltajjii hubannoo uumuu gaggeesseera jedhame.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.