Rakkoo walxaxaa biyya muudate wareegamaa fi gootummaa Raayyaa Ittisaan qolachuun danda’ameera – Preezdaant Saahilawarq
Finfinnee, Muddee 30, 2014 (FBC) – Rakkoo walxaxaa biyya muudate wareegamaa fi gootummaa Raayyaa Ittisaan qolachuun danda’ameera jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dhiyeessummaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin Ajejaa waliigalaa Raayyaa Ittisaa Jeneraal Birihaanuu Juulaa dabalatee hoggantoota Raayyaa Ittisaa olaanoo 101f sadarkaa guddinaa laataniiru.
Preezdaant Saahilawarq Haasawa saganticharratti taasiisaniin rakkoo walxaxaa biyya muudate wareegamaa fi gootummaa Raayyaa Ittisaan qolachuun danda’ameera jedhan.
Raayyaan Ittisaa yeroo itti aanus guddinaa fi nageenya Ityoophiyaaf hojjetuu irraa eegama jedhan.
Wareegama Raayyichi birmadummaa eeguuf kaffale galateeffataniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.