Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo Uummataa furuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon ni hojjenna- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC)- Rakkoo Uummataa furuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon kan hojjetan ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dubbatan.

Aadde Adaanach Abeebeen Proojektiiwwan guyyoota 60 Kutaa magaalaa Qiirqoositti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Rakkoo uummataa furuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon kan hojjetan ta’uu daawwanichaan ibsaniiru.

Dameewwan tajaajila uummataa, sadarkaa hojiileen magaalaa miidhagsuu fi qonni magaalaa irra jiru daawwataniiru.

Akkaataa waadaa uummataaf galaniin boqonnaa malee halkanii fi guyyaa hojjechuun proojektoonni tajaajila kennuu akka eegalan taasisuun gara hojii namarratti xiyyeeffatuutti ni ceena jedhaniiru.

Ijaarsiwwanii fi hojiileen namarratti xiyyeeffachuun hojjetaman yeroo qabameefitti akka hin xumuramneef rakkoolee gufuu ta’an bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisaa taasisuun haala hiikamuu danda’anirratti hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Adeemsa hanga ammaatiinis rakkoolee hedduuf furmaata laachaa jiraachuu eeraniiru.

Daawwannaa proojektiiwwaniin cinaatti, aanaalee kutaa magaalichaatti argamuun damee tajaajilaan rakkoolee mul’atan daawwachuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.