Rakkoo Sudaan mudate hordoffee dhaabbilee garaagaraa waliin ta’uun lammiilee biyya alaa baasuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Rakkoo Sudaan mudate hordoffee dhaabbilee Idil Addunyaa garaagaraa waliin ta’uun lammiilee biyya alaa Geejjiba Qilleensaa fi lafarraan baasuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Rakkoo Sudaan muudate hordoffee hojiilee lammiilee biyyoota alaa baasuuf walqabatee hojjetamaa jiru ilaalchisee Minsiteerri Dhimma Alaa Ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif ibsi laatameera.
Tattaaffii Ityoophiyaan lammiilee biyyoota 50 Sudaan keessaa baasuuf taasisaa jirtu deeggarsa taasisuu akka qaban gaafataniiru.
Waldhabdeen Sudaan karaa nagaan akka furamuu fi lammiilee biyyattii rakkoo keessa jiran baasuuf tattaaffii Ityoophiyaan taasiisaa jirtu Ambaasaaddaroonni kunneen dinqisiifataniiru jedhame.
Haabtaamuu Taklesillaaseetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.