Rakkoo qulqullina barnootaa Yuunvarsiitiwwan keessatti muul’atu fooyyessuuf hojjetamuu qaba jedhame
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Rakkoo qulqullina barnootaa Yuunvarsiitiwwan keessatti muul’atu fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan hoggantootaa dhaabbilee barnootaa olaanoo waliin mari’ataniiru.
Mootummaan adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabbilee barnootaa olaanoo ammayyeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Proofeesar Birihaanuun ibsaniiru.
Yuunvarsiitiwwan rakkoo bulchiinsa gaarii fi bu’uuraalee misoomaa qabaachuu eeraniiru.
Rakkoo qulqullina barnootaa muul’ata furuuf Yuunvarsiitiwaan saffisan tarkaanfii fudhachuu akka qaban Proofeesar Birihaanuun kallattii kaa’aniiru.
Yuunvarsiitiwwan ilaalcha siyaasaa kamiiyyuurra bilisa ta’uun adeemsa baruu fi barsiisuu qofarratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hojmaata dhiibbaa mootummaarra bilisa ta’e diriirsuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’u maricharratti ibsamuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.