Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo qulqulina tajaajilaa manneen murtii furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – MMWO

Finfinnee, Eebla 10, 2015 (FBC) – Rakkoo qulqulina tajaajilaa,dhaqqabummaafi si’aayina tajaajila manneen murtii furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Manni Murtii Waligalaa Oromiyaa beeksise.

Manni murtichaa raawwii hojii kurmaana sadaffaa Magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Rakkoo qulqulina tajaajila, dhaqqabummaafi Si’aayina manneen murtii sadarkaan jiran kessatti mul’tu furuuf teeknolojjiin deegaramuun hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Badriitamaam Umar himaniiru.

Waltajjicharratti gabaasni raawwii hojii manneen murtii Oromiyaa kan baatii sagalii dhiyaatee irratti mari’atamaa kan jiru yoo ta’u ciminaalee fi hanqinaaleen adda bahanii kallattiin fuulduraa kan kaa’amu ta’a jedhameera.

Waltajjicharratti miseensonni koree bulchiinsaa MMWO, Pirezdaantonni Manneen Murtii Ol’aanaa akkasumas Gaggeessitoonni kenninsa tajaajila abbaa seerummaafi garee naamusaafi Inispeekshinii Manneen Murtii Olaanaa irratti hirmaachaa jiru.

Waltajjichi har’a dabalatee guyyoota lamaaf gaggeefama.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.